Oomishtummaa olkaa’iinsa amansiisaaf!
Oomishtummaa olkaa’iinsa amansiisaaf!Mootummaan jijjiiramaa as guyyoota Qaammee ergaawwan olka'iinsa biyyaa dhugoomsan itti moggaasuun uummata keessatti kaka'umsa uumuun bara haaraatti akka of qopheessaan taasisaa tureera.
Bara kanas guyyoota Qaammee shanaaniif maqaa moggaasuun hawaasni sochii hawaas-diinagdee keessatti hirmaannaa qabu gara sadarkaa itti aanuutti ceesisuun jijjiirama eegalame akka dhugoomsu taasifamaa jira.
Qaammeen -1 guyyaan oomishtimmaa kabajamaa kan jiru yoo ta'u, sadarkaa Naannoo Oromiyaattis hojiilee misoomaa garaagaraa daawwachuun kabajamaa jira.
Kanuma bu'uura godhachuun Godina Shawaa Bahaatti hooggansi sadarkaa adda addaa hojiilee oomishaafi oomishtummaa guddisuun olka'iinsa biyyaa dhugoomsan daawwataniiru.
Hoogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu daawwannicharratti ergaa dabarsaniin, olka'iinsa biyyaa milkeessuuf oomishaafi oomishtummaa dabaluun murteessaa ta'uu ibsan.
Naannichatti jijjiiramaa as oomishtummaa dabaluuf inisheetivoonni garaagaraa hojiirraa oolaa jiran bu'aa qabatamaa argamsiisaa jiraachuu himan.
Damee qonnaa hammayyeessuun oomishaafi oomishtummaa guddisuuf tattaaffii taasifameen injifannoowwan gurguddoo galmaa'uu akka danda'es jiraachuus himaniiru.
Gama misooma qonnaatiin galmoota gurguddoo karoora ce’uumsa misooma qonnaa qabamanii jiran: al-ergii guddisuu, oomisha alaa galu kan biyya keessan bakka buusuu, wabii nyaataa mirkaneessuufi carraa hojii uumuun jiruufi jireenya qonnaan bulaafi horsiisee bulaa jijjiiruuf xiyyeeffannaa olaanaafi hooggansi tarsiima’aa kennamee hojii hojjetamaa jiruun milkaa’inoonni abdachiisoo ta’an galmaa’aa jiraachuus dubbataniiru.
Dabalataanis, hojii qonna magaalaa Adaamaatti kilaasteroota misooma paappayyeefi muuziirratti bal'inaan hojjetamaa jiru daawwatameera.
Daawwannaa guyyaa oomishtummaa sababeeffachuun taasifame kanaanis hoiiiwwan misooma qonnaafi warshaalee dabalatee hojiin misoomaa garaa garaa daawwatamaniiru