Biiroo Qonnaa Oromiyaa | Qonnaa Fooyyessuu, Jireenya Jijjiiruu
Mr. Teshome Bogala
Mr. Teshome Bogala
Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa
Ergaa Hoggansaa

Ergaa Hogganaa Biiroo

Baga Nagaan Gara Biiroo Qonna Oromiyaa Dhuftan!
Biiroon Qonna Oromiyaa misooma qonnaa ammayyaa, oomishtummaa fi oomisha qonnaa guddisuu, nageenya nyaataa mirkaneessuu, akkasumas jireenya qonnaan bultootaa fi horsiisee bultootaa fooyyessuuf kutannoodhaan hojjechaa jira.
Qonni bu’uura dinagdee, madda jireenyaa fi utubaa badhaadhina biyyaati. Kanaaf, teeknooloojii ammayyaa babal’isuu, kalaqa jajjabeessuu, tajaajila qonnaa qulqullina qabu kennuu, akkasumas qooda fudhattoota mootummaa, dhuunfaa fi hawaasaa waliin ta’uun misooma qonnaa itti fufiinsa qabu mirkaneessuun xiyyeeffannoo keenya isa guddaadha.
Biiroon keenya tajaajila iftoomina qabu, itti gaafatamummaa, gahumsa, amanamummaa fi hirmaannaa qooda fudhattootaa irratti hundaa’e kennuuf ni hojjetti. Akkasumas, qorannoo, dijitaalaayizeeshinii, qonnaan bultootaaf odeeffannoo gahaa fi yeroo isaa eeggate kennuu fi sirna bulchiinsa qonnaa ammayyaa cimsuuf xiyyeeffannoo addaa kenna.
Milkaa’inni misooma qonnaa tumsa, hojii waloo, kalaqaa fi kutannoo cimaa hunda keenyaa gaafata. Kanaaf, qooda fudhattoonni hundi muuxannoo, beekumsa, yaada kalaqaa fi deeggarsa isaanii waliin qooduun gara qonna oomishtummaa olaanaa qabu, dandamataa fi itti fufiinsa qabuutti akka ceenu waamicha dhiyeessina.
Waliin hojjennee qonna ammayyaa, badhaadhina Oromiyaa fi jireenya fooyya’aa dhaloota har’aa fi boruuf haa ijaarru.

— Hogganaa Biiroo

Bu'uura Keenya

Mul'ata, Ergama fi Kaayyoo

Mul'ata

Biiroo Qonna Oromiyaa jijjiirama fiduun bara 2030tti jijjiirama caasaa dinagdee naannichaa keessatti gahee guddaa taphachuu, Wabii nyaataa mirkaneessuu, Qonna Dijitaalaa fi Kalaqa (Innovation) hojiitti hiikuun, badhaadhina qonnaan bultootaaf fiduu, akkasumas bulchiinsa qabeenya uumamaa itti fufiinsa qabu mirkaneessuudha.

Ergama

Imaammata ragaa irratti hundaa'ee, teeknoolojii fayyadamuun, akkasumas guddina hunda hammateen, Dinagdee Qonnaa fi dandeettii dorgommii fooyyessuun, kunis qabeenya uumamaa naannoo Oromiyaa eeguu fi itti fufiinsaan fayyadamuu mirkaneessuudha.

Kaayyoo

Oromiyaa irraa Damee qonnaa, daldala fi alaatti gurgurtaa guddisuu,beeksisa qabeenya uumamaa fooyyessuu; akkasumas sadarkaa hunda irratti naannoo guutuu keessatti Wabii nyaataa galmeessuu.

Caasaa Keenya

Caasaa Qindeessaa Biiroo

Biiroo Qonnaa Oromiyaa — Caasaa Qindeessaa Ijoo

Caasaa Qindeessaa Biiroo
Lakkoofsaan

Bu'aa Keenya

36,769
Bal'ina Naannichaa (1000Ha)
36,600
Bal'ina Lafaa (1000Ha)
18,800+
Bal'ina Qonnaa (1000Ha)
29.6%
Hammata Bosonaa
Odeeffannoo Haarawa Argadhu

Oduu Haarawa Keenya

Haaromsa fi beeksisa Biiroo Qonnaa Oromiyaa irraa

Empowering Farmers, Transforming Agriculture!

Qonnaan Bulaa Aangessuu, Qonna Ceesiisuu!

Biiroo Qonnaa Oromiyaa

Carraa Hojii Ilaali
Miiltoowwaan Hojii

Miiltoowwaan Hojii

Jijjiirama qonnaa fiduuf miiltoowwaan Hojii filatamaa waliin hojjechaa jirra

OBA AI Assistant
Online • Agricultural Expert
OBA AI Assistant
Online • Agricultural Expert