Hojii Misoomaa fi Qulqullina Buna Oromiyaa
Bunni Oromiyaa ispeeshaalitii(dhandhama addaa)tiin gabaa idil-addunyaa irratti sadarkaa gatii ol'aanaatiin gurguramuun fedhii olaanaa fayyadamtoota buna Itiyoophiyaa biratti uumuu Obbo Mohaammedsaanii Amiin Hoogganaa I/A BQO himan.
Hojii misoomaafi qulqullina bunaarratti xiyyeeffannoo addaan hojjetameen bunni ispeeshaalitii Gujii kiiloo giraamiin tokko doolaara Ameerikaa 2,376n, jechuunis tilmaamaan qarshii kuma 300 fi kuma 80tti gurguramuun seenaa buna Itiyoophiyaa keessatti sadarkaa gatii olaanaa galmeessisuun Obbo Mohaammedsaaniin himaniiru.
Bunni gatii galmee haaraa kanaan gurgurame, kan abbaa “Tasty Coffee”, Obbo Faayisal Abdoosh, maqaa addaa “Faayisal Abdosh Signature” jedhuun, karaa interneetii caalbaasii buna ispeshaalitii (buna dhandhama addaa qabu) gabaa idil-addunyaaf dhiyaate ta’uun heeraniiru.
Gurgurtaan caalbaasii kun sadarkaa qulqullinaa fi barbaadamummaa bunni Itiyoophiyaa gabaa idila-addunyaarratti qabu haala haaraan kan mirkaneesse ta’uu Obbo Mohaammedsaaniin himuun, hojii qulqullinaa bunaarratti jalqabame kana caalamaatti cimsuun fufhatanummaa bunni keenya gabaa addunyaarratti qabu dabaluuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamuu akka qabu dhaamaniiru