Biiroon Qonnaa Oromiyaa, Heera Mootummaa Federaalawaa Dimokraatawaa Rippaabiliika Itoophiyaa (FDRE) bu'uura godhachuun, Mootummaa Naannoo Oromiyaa jalatti Bitootessa 1 bara 1985 A.L.I. hundeeffame. Hundeeffama isaa dura hojjettoonni Ministeera Qonnaatiin qacaraman misooma midhaanii, misoomaa fi eegumsa fayyaa beeyladaa, qabeenya uumamaa fi dameewwan qonnaa biroo irratti hojii hojjechaa turan. Hojjettoonni kunneen gara mootummaa naannootti dabarfamuudhaan, caasaan Biiroo hanga sadarkaa gandaatti diriirfamee, qonnaan bultootaa fi horsiisee bultoota tajaajilaa, hojiiwwan misooma qonnaa bal'inaan gaggeessaa jira.
Biiroon Qonnaa Oromiyaa erga hundeeffamee kaasee, maqaan isaa fi caasaan gurmaa'ina isaa, aangoo fi hojiiwwan seeraan kennameef irratti hundaa'uun yeroo gara yerootti fooyya'aa fi jijjiiramaa tureera. Jijjiirama gurmaa'inaa kana keessatti, oomisha fi oomishtummaa qonnaa guddisuu, ce'umsa qonnaa saffisaa fi haala mijataa ta'een raawwachuu, wabii nyaataa mirkaneessuu, dhiibbaa jijjiirama qilleensaa dandamachuu fi fayyadamummaa qonnaan bulaa mirkaneessuu irratti xiyyeeffachuun, qonni utubaa dinagdee biyyaalessaa ta'uu isaa cimsaa dhufeera.
Yeroo ammaa, Labsii Lakk. 242/2014 A.L.I. Fulbaana 2014 A.L.I. ba'e bu'uura godhachuun, Biiroon kun maqaa "Biiroo Qonnaa Oromiyaa" jedhuun caasaa haaraan gurmaa'ee hojii isaa gaggeessaa jira.
Caasaa haaraa kana keessatti Biiroon Qonnaa Oromiyaa dameewwan gurguddoo torba qaba. Isaanis: Damee Qonnaa; Damee Qabeenya Uumamaa fi Wabii Nyaataa; Damee Misooma Qabeenya Beeyladaa; Damee Misooma Bunaa fi Muduraa; Damee Eegumsa Fayyaa Beeyladaa; Damee Eegumsa Biqiltuu fi Damee Tajaajila Deeggarsaa dha. Dabalataan, caasaan Biiroo kun waajjira qonnaa godinaa 21, waajjira qonnaa aanaa 294, waajjira qonnaa magaalaa 23, akkasumas gandoota baadiyyaa 6,461 of keessatti hammata.
Biiroon Qonnaa Oromiyaa imaammataalee fi tarsiimoo garaagaraa qopheessuun, itti-gaafatamummaa mootummaa fi uummanni itti kenne ciminaan bahaa tureera. Akkasumas humnaa fi qabeenya uumamaa qonnaan bultootaa fi horsiisee bultoota naannichaa qindeessuun fi sochoosuun, imaammataalee fi tarsiimoo qophaa'an hojiirra oolchuudhaan wabii nyaataa cimsuu, guddina dinagdee itti fufiinsa qabu mirkaneessuu fi dhiibbaa jijjiirama qilleensaa hir'isuuf hojjechaa jira.
Biiroon kun oomishaa fi oomishtummaa qonnaa guddisuuf, sirna qonnaa aadaa naannichatti babal'atee jiru gara teeknooloojii fi sirna qonnaa ammayyaatti ceesisuuf hojjechaa jira. Biiroon Qonnaa Oromiyaa guyyaa hundeeffama isaa irraa eegalee, wabii nyaataa naannoo Oromiyaas ta'e biyyaalessaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa bahaa tureera. Keessumaa erga jijjiiramni sektarichaa irratti xiyyeeffannoo addaa kennamee as, hojiiwwan fooyya'iinsa fi haaromsa gadi fagoo taasifaman bu'uura godhachuun, Galmoota bu'uuraa gurguddoo afur irratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Isaanis: Wabii nyaataa fi sirna nyaataa mirkaneessuu; al ergii qulqullinaa fi baay'inaan guddisuu; oomishaalee qonnaa biyya alaa irraa galan oomisha biyya keessaan bakka buusuu; fi carraa hojii uumuudha.
Kaayyoowwan kunneen lafa irratti sirnaan hojiirra oolchuu, ce'umsa sektara qonnaa saffisiisuu, akkasumas jijjiirama biyyaalessaa, dinagdee fi caasaa bal'aa fiduu dandeessisuuf, Biiroon Qonnaa Oromiyaa Sanada Tarsiimoo Ce'umsa Qonnaa Oromiyaa qopheesseera.
Kaayyoo tarsiimoo keessatti kaa'aman galmaan ga'uuf ajandaa fi inisheetiivota ce'umsa qonnaa Oromiyaa qopheessuun hojiiwwan misoomaa bu'a qabeessa taasisuuf hojjetamaa jira.