Inisheetiivii Misooma Baala Shayee | Biiroo Qonnaa Oromiyaa
Bal'ina Oduu

Inisheetiivii Misooma Baala Shayee

Barruu guutuu dubbisiitii misooma qonnaa Oromiyaa ilaalchisee odeeffannoo argadhu.

September 5, 2026

Inisheetiivii Misooma Baala Shayee

Inisheetiiviin misooma baala shayee karoora dinagdeen of-danda'uu qonnaan bultootaafi naannoo keenyaaf gumaacha olaanaa kan taasisu ta'uu Obbo Geetuu Gammachuu Hoogganaa BQO himan.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa inisheetiivota guddina dinagdee Qonnaan/Horsiisee bultoota keenyaa mirkaneessan haala mijaawaafi qabatamaa Godinaalee keenyaan hojiirra oolchuun deeggersaafi hordoffii itti fufiinsa qabu taasisaa jiruun qonni guddina dingdee qonnaan/Horsiisee bultootaafi biyya keenyaaf gumaacha irraa eegamu bahachuu jalqabuu Obbo Geetuun heeraniiru.

Inisheetiivota qonnaa guddina dingdee Naannoofi biyya keenyaaf bu'a-qabeessa ta'e keessaa tokko inisheetiivii misooma baala sayee yoo ta'u, misooma baala shayee godinaalee Lixa Oromiyaa misooma baala shayeef mijatoo ta'e keessatti gaggeessuuf karoorsuu waggoota darbanitti Godinaalee: Jimmaa, Iluu Abbaa Booraafi Buunnoo Beddelleetti jalqabuun hojii hawaasni keenya tokkummaadhaan biqiltuu qopheessuun, lafa dhaabii qulqulleessuun kilaasteraan misoomuurratti humna waloon hojjetaniin hanga ammaatti lafti hektaarri 4000 misoomuun kunuufamaa jiraachuu Obbo Geetuun heeraniiru.

Waggoota shanan dhufanitti karoora of-danda'uu qabameen misooma baala shayee godinaalee Lixa Oromiyaa 7 keessatti babal'isuun lafa irratti misoomu gara hektaara kuma 30 guddisuuf karoorfamee yeroo ammaatti Godina Qeellam Wallaggaafi Wallaggaa Lixaatti qophiin biqilaa jalqabamuu ibsaniiru.

Milkaa'ina Inisheetiivii Misooma Baala Shayee kanaafis Mootummaan Naanooo keenyaa xiyyeeffannoo addaa kenneen yeroo ammaatti kilaastera gurguddaa Godinaalee Jimmaa, B/Beddellee fi Iluu Abbaa Booraatti waarshaan baala sanyee qindeessuun gabaa biyya keessaafi alaatti erguu danda'u akka dhaabbatuuf haal-dureewwan barbaachisan xumuramaa jiraachuus Obbo Geetuun heeraniiru.

Qonnaan bultoonni, dargaggoonniifi waldaaleen misooma baala shayee gaggeessaa jiran biqilaa dhaabbate itti fufiinsaan kunuunsuun irra fayyadamoo ta'uuf xiyyeeffannok addaan hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru

 

OBA AI Assistant
Online • Agricultural Expert
OBA AI Assistant
Online • Agricultural Expert